Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kaazaakiistaan misooma damee Paarkii Indaastiriirratti waliin hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Kaazaakiistaan misooma damee Paarkii Indaastiriirratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuu Koorporeeshiniin Misooma Paarkii Indaastirii beeksise.
 
Hojii raawwachiisaa olaanaan Koorporeeshinii Misooma Paarkii Indaastirii Ityoophiyaa obbo Saandookaan Dabbabaan Ambaasaaddar Kaazaakiistaan Baarliibaay Saandiikoov waliin mari’ataniiru.
 
Dhimmoota daldalaa, invastimantii, abbootii qabeenyaa hawwachuu fi misooma invastimantii haala jajjabeessun danda’amurratti marii taasisaniiru jedhame.
 
Obbo Saandookaan sosochii Paarkii indaastirii fi carraa misooma invastimantirratti haala waliigalaa jiru ibsa laataniiru.
 
Haala muuxxannoo damichaan jiru waljijjiiruun danda’muratti yaada waliif qoodaniiru.
 
Ambaasaaddar Saandiikoov gama isaaniin Ityoophiyaa fi Kaazaakiistaan buufata galaanaa dhabuun isaanii wal isaan fakkeessa jedhan.
 
Ambaasaadarichi Paarkii Indaasitirii Boolee Lammii fi Adaamaa daawwataniiru.
 
Hojii gaggeessitoota fi abbootii qabeenyaa Paarkii Indaastirii kanneeniin waliin marii taasisuu isaanii ragaan koorporeeshinicharraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.