Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Keeniyaan dhimmoota nageenyaarratti wal deeggaruuf walii galuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Keeniyaan dhimmoota nageenyaarratti wal deeggaruuf walii galuu ibsameera.

Itaamaajuurshuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Ityoophiyaa Fiildmaarshaal Birhaanuu Julaa fi Itaamaajuurshuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Keeniyaa Jeeneraal Roobart Kiibiichuun guyyaa har’aa Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti mari’ataniiru.

Marichaan biyyoonni lameen dhimmoota nageenyaa gam-lamee fi naannawaarratti waldeeggaruuf waliigaluu ibsameera.

Ityoophiyaa fi Keeniyaan dhimmoota nageenyaarraatti akka waldeeggaraniif haalli mijataan jiraachuu Fiildmaarshaal Birhaanuu Julaan ibsaniiru.

Jeeneraal Roobart Kiibiichuun gamasaaniin Fiildmaarshaal Birhaanuu Julaan Keeniyaatti turtii taasisuu isaaniitti gammaduu ibsuun biyyoonni lameen michummaa yeroo dheeraaf ture kan qaban ta’uu fi michummaasaanii daran cimsuun barbaachisa ta’uu eeraniiru.

Biyyoonni lameen dameewwan leenjii fi  nageenya kabachiisuun waliigalteerra ga’uu ibsameera.

Dabalataanis biyyoonni lameen miseensa kan ta’an Humna Eeggataa Baha Afrikaa (East Africa Standby Force ESAF)  cimsuuf waliigaluu eerameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.