Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa tumsa diinagdee cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabra Masqal Caalaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa Kaan Soonkiiy waliin mari’ataniiru.

Hariiroo daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaan gidduu jiru dhimmoota cimsanirratti mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo bara dheeraa qabaatanis hariiroon daldalaa sadarkaa barbaaddamurra kan hin geenye ta’uu marichaan ka’eera.

Ityoophiyaan damee daldalaan hariiroo Kooriyaa Kibbaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu Obbo Gabramasqal Caalaan ibsaniiru.

Yeroo itti aanu abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa misooma Invastimantii Ityoophiyaarratti bal’inaan bobba’uu akka danda’an waliigaltee waloo mallatteessuun barbaachisaa ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa Kaan Soonkiiy ibsuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.