Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Neezarlaandi sirna Itti fayyadama bishaanii fooyyessuuf waloon akka hojjetan ibsan

Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Neezarlaandi sirna itti fayyadama bishaanii fooyyessuuf waloon akka hojjetan ibsaniiru.
 
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Habtaamuu Ittaafaa Daayrektara Olaanaa Walta’iinsa Idil Addunyaa Ministeeraa Dhimma Alaa Neezarlaandi Kiitii Vaan Dar Haayijiin fi Dhaabbataa Needaamkootti Hoji Gaggeessaa Afrikaa Maayikal Koogilar waliin mari’ataniiru.
 
Marii isaaniin, dhaabbata Needaamkoo Afrikaa jedhamuu waliin inisheetiivii sirna itti fayyadama bishaanii fooyyaa’aa akka deeggaran beeksisaniiru.
 
Inisheetivichi, Magaalaa Finfinnee fi sirna bulchiinsa bishaanii naannawicha jiru ammayyeessuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Sirnichi dhiyeessii bishaan dhugaatii guddisuu fi waliingahiinsa bishaanii saffisiisuuf tumsa jedhameera.
 
Dabalataanis, teeknooloojii gargaaramuun hamma itti fayyadama bishaanii madaaluu fi rakkoolee mudatan adda baasuuf akka gargaaru himameera.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.