Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Raashiyaan damee Teeknikaa waraanaan tumsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Raashiyaan damee Teeknikaa waraanaarratti tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.
Biyyoonni lamaan haala damee Teeknikaa waraanaan waliin hojjechuun danda’amurratti guyyoota sadiif marii erga taasiisanii booda waliigalteerra ga’uu ibsameera.
Marii yeroo 11ffaaf gaggeeffame kanaan waliigaltee marii waloo 10ffaa hojiitti hiikuuf gadi fageenyaan mari’ataniiru.
Waliigalteen ammaa kun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsuu fi waloon hojjechuuf kan gargaaru ta’uu Ministir Deettaan Damee Faayinaansii Raayyaa Ittisaa Maartaa Liiwiij ibsaniiru.
Dandeettii, gau’umsaa fi teeknooloojii Raayyichaa ammayyeessuuf tattaaffii taasiifamuuf waliigaltichi faayidaa olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Maricharratti qooda fudhattoonni Federeeshinii Humna Waraanaa Raashiyaa Damee Teeknikaa fi kutaalee Raayyaa Ittisaa FDRI gaaraagaraarraa walitti babba’an hirmaachuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.