Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Raashiyaan tumsa dhimmoota Odeeffannoo fi Tika Nageenyaarratti taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Raashiyaan tumsa hunda galeessa dhimmoota Odeeffannoo fi Tika Nageenyaarratti taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.
Daayreektarri Jeneraalaa Tajaajila Odeeffanoo Biyyaaleessaa fi Tika Nageenyaa obbo Tamasgeen Xiruunehi Ityoophiyaatti ambaasaaddara Raashiyaa Iyaavganii Tarkiin waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo seenaa fi aadaa bara dheeraa qabaachuu obbo Tamasgeen ibsaniiru.
Qormaata Ityoophiyaa yeroof muudataa jiru ce’uuf dhimmoota tumsa barbaachisanirratti mari’achuu eeraniiru.
Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Nageenya Biyyaalessaa bilisaa fi dhaabbata Proofeeshinaalii sadarkaa idil addunyaa eeggate taasiisuuf tumsi Raashiyaan damichaan taasiiftu shoora olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Tumsi biyyoota lamaanii yeroo rakkinaa qormaata muudatu darbuun bu’aa agarsiise ta’uu isaan damee odeeffannoo fi nageenyaanis cimee akka itti fufu marii taasiisuu dubbataniiru.
Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Raashiyaa Iyaavganii Tarkiin gama isaaniin Raashiyaan tumsa dameewwan garaagaraan Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti jedhan.
Hariiroon dhimmoota Odeeffannoo fi Tika Nageeyaa biyyoota lamaanii sadarkaa fooyya’arra akka ga’uuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ce’umsa Teeknooloojii, Ijaarsa Dandeettii fi odeeffannoo wal jijjiiruurratti waloon hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti Daayreektara Jeneraalaa Tajaajila Odeeffanoo Biyyaaleessaa fi Tika Nageenyaa obbo Tamasgeen Xiruunehi marii taasiisuu ibsaniiru.
Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayiitti gaggeeffame waliin walqabatee ajandaawwan ka’anirratti biyyoota michuu Ityoophiyaa biroo waliin ta’uun biyyattii cinaa kan dhaabbata ta’uu Tajaajilli Odeeffannoo Biyyaalessaa fi Tika Nageenya ibsa Faanaa Broodkaastingi Korporeetiif ergeen himeera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.