Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Sudaan Waldhabdeesaanii mariin furuuf walii galan

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Sudaan Waldhabdee daangaa dabalatee waldhabdee gidduusaanii jiru mariin furuuf walii galan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Dura taa’aa  Mana Maree Ce’umsaa Birmadummaa Sudaan Leetenaal Jeneraal Abdulfattaa Al Burhaan waliin guyyaa har’aa Keeniyaa Naayiroobiitti waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni lameen dhimmoota gam-lamee fi naannawaarratti kan mari’atan yoo ta’u, waldhabdee biyyoota lameen gidduu jiru karaa nagaa furuufi waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Hoggantoonni lameen dhimmoota waliigalteerra ga’an irratti waloon ibsa laataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, Ityoophiyaa fi Sudaan dhimmota walitti isaan buusurra dhimmoonni walitti isaan fiduufi waliin hojjechuu danda’an hedduun jiraachuu ibsaniiru.

Garaagarummaa biyyoota lamaan gidduu jiru karaa qaroomina qabuun mariin furuun hariiroo uummata biyyoota lameenii cimsuuf waliigalleerra jechuu TOI gabaaseera.

Gochoota biyyoota lameen gara walitti bu’iinsaatti geessan irraa of qusachuun barbaachisaa ta’uu waliigalteerra ga’uu kaasaniiru.

Rakkoolee biyyoota lameen gidduu jiru koree hundeessuunii fi qajeeltoo idil addunyaa haala kabajeen mariin hiikuuf waliigaluu eeraniiru.

Ityoophiyaa fi Sudaan dhimmoota Nageenyaa fi misoomaarratti qajeeltoo wal tumsuu fi fayyadamummaa waloon waliin hojjechuu fi hariiroo isaanii cimsuuf waliiga;luu ibsaniiru.

Hoggantoonni lameen dhimmoota biyyoota lameen gidduutti waldhabdee uuman irratti gadi fageenyaan mari’achuu kaasuun, mariin isaanii bu’aa qabeessa turuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad dubbataniiru.

Ityoophiyaan uummata obbolaa Sudaan waliin misoomuufi nagaan jiraachuuf ejjennoo cimaa qabaachuu mirkaneessaniiru.

Dura taa’aan  Mana Maree Ce’umsaa Birmadummaa Sudaan Leetenaal Jeneraal Abdulfattaa Al Burhaan gamasaaniin, Muummee Ministiraa Abiy Ahimad waliin akka obboleessaatti waliin mari’achuun waldhabdee biyyoota lamaan gidduu jiru karaa nagaan furuuf waliigaluu kaasaniiru.

Biyyoonni lameen michummaa yeroo dheeraa fi bu’uura cimaarratti hundaa’ee qabaachuu eeruun, walitti bu’iinsarraa bu’aan kan hin argamne ta’uu ibsaniiru.

Yeroo itti aanutti fayyadamummaa uummata lameenii fi waliin jireenya gfuuladuraaf waliin ni hojjenna jechuu himameera.

Waldhabdeewwan hidha haaromsaa guddichaa fi dhimma daangaa karaa nagaa furuufi kutannoo isaanii qabatamaan agarsiisuuf waliigaluu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.