Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Turkii jijjiirraa daldala gidduusaanii jiru Doolaraa biiliyoona 1 qaqqabsisuuf waliigalan

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)-Ityoophiyaa fi Turkii jijjiirraa daldalaa giddusaanii jiru Doolaraa Ameerikaa biiliyoona 1 qaqqabsisuuf waliigalteerra ga’uu beeksisan.
Bakka Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal argamaniitti Ityoo Turkii waliigalteen diinagdee, daldalaa fi waltajjiin tumsa komishinii teeknikaal Ankaaraatti gaggeeffameera.
Jijjiirra daldala biyyoota lamaan gidduu jiru fooyyeessuuf waliigalteerra ga’ameera.
Akkasumas hir’ina daldala, gufuwwan daldalaa hir’isuuf, invastimantii guddisuu fi inteerpiraayizoota maayikroo xixiqaa tumsuuf waliigalteerra ga’uun isaanii beekameera.
Akka raga Ministeera Dhimma Alaa Turkii muul’dhisutti bara Faranjoota 2019 waljijjiirraan daldala biyyoota lamaanii Doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 98.8 qaqqabeera.
Kana keessaaa Turkiin gara Ityoophiyaatti kan ergitee doolaraa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 78.3 ta’u beekameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.