Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Chaayinaan tumsa damee qonnaarratti qaban haaromsuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Chaayinaan tumsa damee qonnaarratti qaban haaromsuuf waliigalaniiru.

Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tafarraa Darribawu Ministeera Qonnaa Chaayinaatti Hogganaa Tumsa Idil Addunyaa Nii Hoongishiing fi Ministeera Tumsa Idil Addunyaa Chaayinaatti Daayrektara Dhimmoota Eeshiyaa Lixaafi Afrikaa Liiyuu Jiiyaand waliin mari’ataniiru.

Hojiirra oolmaa waliigalteewwan damee qonnaarratti biyyoonni lameen kanaan dura waliif mallatteessan irratti bal’inaan mari’achuu eerameera.

Qaamoleen lameen tumsa damichaan qaban cimsanii itti fufuuf waliigalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.