Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan demokiraasii ijaaruuf daandii sirrii irratti argamti – Ambaasaaddar Hiruut Zamanee

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC) –  Beeljiyaamitti ambaasaaddar Ityoophiyaa Ambaasaaddar Hiruut ZamaneeItyoophiyaan demokiraasii ijaaruuf daandii sirrii irratti argamuu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Hiruut walga’ii Biraasilsitti gaggeeffameen dulli olaantummaa seeraa nannoo Tigiraayitti gaggeeffame dhimma keessoo ta’uu eeraniiru.

Dhimmichi heera mootummaa, tokkumaa fi walabummaa biyyaa eeguu ta’uu eeruun, haalli amma jiru to’annoo mootummaa federaala jala ta’uu ibsaniiru.

Tarkaanfii olaantuimmaa seeraa waliin walqabatee lamiileen kuma 40 ta’an gara sudaan galaniiru jedhan.

Mootummaan wayita ammaa lammiilee gara biyyaatti deebisuuf Sudaan waliin marii taasisuu kaasaniiru.

Maddi:- Za Biraasils Taaymis

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.