Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan DhMG keessatti hirmaannaa nagaa kabachiisuu qabdu cimsitee itti fufti-M/J Addaamnee Mangistee

Finfinnee, Amajjii 17, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keesattii hirmaannaa nagaa kabachiisuu qabdu itti fufsiisuuf, hojiileen bu’aa qabeessi cimaanii itti fufuu akka qaban Ajajaan Giddigala Nagaa kabachiisuu Raayyaa Ittisaa Biyyaa Meejar Jeneraal Addaamnee Mangistee dubbatan.

Ajajichi marii raawwii baatiiwwan 6 gaggeeffamerratti, Ityoophiyaan hirmaannaa ergama nagaa kabajchiisuu idil addunyaa qabdu itti fufsiisuuf, cina gaarii turan jabeessuu fi hanqinoota jiran sirreessuu barbaachisa jedhan.

Qabeenyaalee Mana Barnootaa Leenjii Konteenjantii Hursoo suphuun hojiitti galchuuf, hojmaanni baasii qusatu diriiiruun, kutaalee biroottis cimee itti fufuu qaba jechuun fakkeenymmaa isaanii dinqisiifataniiru.

Qaamolee dhimmichi ilaallatu waliinis hojiilee fi leenjiiwwan bu’aa qabeessa turan, ergama Idil Addunyaaf raayyaa ittisaa ga’oomsuun qopheessuu fi deeggarsa hojiile eijaarsaa fi bobbii loojistiksii, hordoffii maashinii fi bobbii duulaa, hojiilee bulchiinsaa fi faayinaansii, raawwiin adeemsa hojii akka ciminaatti gamaaggamameera.

Humna nagaa kabachiisaa ergama nagaa kabachiisuu Idil Aduunyaarrati bobba’e hojiilee bu’aa qabeessa nagaa kabachiisuun raawwatu itti fufsiisuu fi mijaa’ummaa Ityoophiyaa sadarkaa caaluun fooyyessuun akka barbaachisuu ajajichi ibsaniiru.

Hanqinaalee jiran guutuuf leenjiii dameewwan ogummaa jiraniin guddisuun, hojiileen ijaarsa dandeetti cimanii itti fufuu akka qaban hubachiisuu Ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.