Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan fayyadamummaa ‘AGOA’ akka haaressitu gaafatame

Finfinnee, Adoolessa 4 ,2015 (FBC)- Ityoophiyaan carraa fayyadamummaa AGOA akka haaressitu Waldaan Uffannaalee Ameerikaa gaafate.

Guddina Afrikaa saffisiisuuf fayyadamummaa Carraa ‘AGOA’ yoo xiqqaate waggootaa 10’f akka dheeratu waldichi gaafateera.

Carrichi waggootaa 10 fi isaa oliif kan dheereffamu yoo ta’e, abbootiin qabeenyaa Ameerikaa damee indastirii Ardichaan carraalee hojii jiran sakatta’uu fi hanga bara farnajootaa 2025’tti indaastirii dorgomaa ta’e ijaaruuf kaka’umsa qabaachuu waldichi eereera.

Ityoophiyaan fayyadamummaa carraa AGOA irraa kan haqamte bara Faranjootaa Amajjii 1, 2022 yoo ta’u, walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa biyyattiin walqabatee ta’uu ragaan “Fibre2fashion” irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.