Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan hariiroo Filiipiinsi waliin qabdu ciimsuuf fedhii qabdi–Amb.Dassee Daalkee

Finfinnee, Hagayya 10, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan hariiroo Filiipiinsi waliin qabduu cimsuuf fedhii qabaachuu Filiipiinsitti Ambasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Dassee Dalkeen ibsan.

Ambaasaaddarichi xalayaa muudamaa isaanii Pireezidaantii Filiipiinsi Roomuwaldeez Maarkoos Juuniyariif dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaan Daldalaa fi Invastimanti dabalatee dameele garagaraa tumsaan babal’isuuf filannoowwan jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan Filiipiinsi waliin hariiroo gama guddina misoomaan, daldalaa fi indaastiriin muuxannoo waljijiruu akka barbaduu fi hariiroo gamlamee cimsuuf kan hojjettu ta’uu ambaasaaddarichi eeraniiru.

Pireezidaantiin Filiipinsi Roomuwaldeez Maarkoos Juuniyar gamaa isaaniin, biyyoonni lameen hariiroo isaanii cimsuuf hojjechuu qabu jedhan.

Biyyoonni lameen daldalaan, Teeknooloojii fi dameelee biroon tumsa qaban babal’isuuf carrawwan dandeesissaan jiraachuu fi hariiroo ummataa biyyoota lameen guddisuun akka qaban pireezidaantichi ibsuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.