Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan hariiroo Kuwaataar waliin qabdu cimsitee itti fufuu qabdi jedhame

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan hariiroo Kuwaataar waliin qabdu cimsitee itti fufuu akka qabdu ibsame.

Jilli Faanaa Biroodkaasting Korporeet tibbana Al Jaziiraa Neetworki daawwate, Dohaatti daayrektara Mana Barumsa Idil Addunyaa hawaasa Ityoophiyaa Obbo Abduul Baasiix Jamaal waliin mari’ateera.

Obbo Abduul Baasiix Jamaal, Mootummaan Kuwaataar Mana Barumsaa Hawaasa Ityoophiyaa baasii isaan ijaarsiisuun hawaasni Ityoophiyaa akka itti tajaajilamu taasiisuu ibsaniiru.

Kunis isa jalqabaa ta’uu eeraniiru.

Kana dura hawaasni Ityoophiyaa daa’imman isaanii barsiifachuuf biyyoota birootti erguuf dirqamaa turuu kaasuun, amma garuu bu’uura Karkulamii Ministeera Barnootaa Ityoophiyaan ijoollee isaanii Dohaatti barsiifachaa jiraachuu himaniiru.

Barattoota Ityoophiyaan alatti lammiileen biyyoota 14 mana barumsichaatti barachaa jiraachuu eeraniiru.

Hariiroon dippiloomaasii baroota darban hojjetaman bu’aa kana argamsiisuu dubataniiru.

Ityoophiyaan hariiroo Kuwaataar waliin qabdu cimsuu akka qabdu eeraniiru.

Amiir Badiruutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.