Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan human galaanarraa ammayyaa ijaaraa jiraachuu hubanneerra- Jila Humna Galaanaarraa Federeeshinii Raashiyaa

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Jilli Humna Galaanarraa Federeeshinii Raashiyaa Qajeelcha Waliigalaa Humna Galaanarraa Ityoophiyaa daawwatan.

Mootummaan Raashiyaa mootummaa Ityoophiyaa waliin deeggarsa dippiloomaasii waggoota dheeraaf taasisaa turuu fi kaayyoon daawwannaa kanaas qaama deeggarsichaa tokko ta’uu ibsameera.

Humni galaanarraa Ityoophiyaa gurmaa’insasaa  ammayyeessaa dhufuu fi uummanni Ityoophiyaa kan  itti boonan dhaabbata cimaa ijaaraa jiraachuu hubanneerra jedhan Ityoophiyaatti hogganaan Ergama Federeeshinii Raashiyaa Meejer Jeneraal Oostirii Koov.

Ityoophiyaan gaanfa Afrikaatti humna galaanarraa cimaa fi dandeettii ittisuushee daran guddisuuf tattaaffii taasistu dameewwan leenjii garaagaraan ga’eeshee ba’achuu ni dandeessi jedhameera.

Bakka bu’aan ajajaa olaanaa Humna Galaanarraa Ityoophiyaa Koomoodoor Waaltsaa Waachaa humni galaanarraa Ityoophiyaa waggoottan sadii dura labsiin hundaa’uu ibsuun humna nama barateen gurmeessuuf hojiileen hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Gurmaa’iinsa humna galaanarraa biyyoota biroo fi humna galaanarraa Ityoophiyaa kanaan dura turerraa muuxannoo fudhachuun ergama biyyaa nutti kenname haalaan ba’achuu kan dandeessisu gurmaa’iinsa guutuu qopheessinee Raayyaa Ittisa Biyyaan ragga’ee gara hojiitti galeerra jedhan.

Ityoophiyaan humna galaanarraasheen faayidaa fi tajaajila argachuu qabdu akka argattuuf humna galaanarraa Federeeshinii Raashiyaa waliin dameewwan leenjiirratti waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.