Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan ijaarsa bu’uuraalee misoomaarratti muuxannoo ishee qoodde

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015(FBC)- Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaan waltajjii marii mata duree  “Sagantaa Ijaarsa Bu’uuraalee Misoomaa Gamtaa Afrikaatti Piroojektii Naannawaa Afrikaa Bahaafi Chaayinaa” jedhurratti muuxannoo Ityoophiyaa qoodaniiru.

Waltajjicharratti dandettii bu’uuraalee misoomaa Ityoophiyaa akkasumas faayidaa bu’uuraaleen misoomaa misooma diinagdee biyyaalessaafi naannawaarratti qaban irratti ibsa taasisaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa abbootii qabeenyaa dhuunfaaf haala mijataa uumuuniifi tarsiimoo misooma indaastirii bocuun gara hojiitti galuuf sochii taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Karoorri waggoota 10 Ityoophiyaa waggoota kurnan itti aananitti seektara inarjii saffisiisuun guddina diinagdee biyyattiifi walitti hidhamiinsa naannawichaaf keessumaa guddina Afrikaa Bahaaf gahee isaa ba’achuurratti kaayyeffachuu eeruun, biyyoota kanneen akka Jibuutii, Sudaaniifi Keeniyaa fayyadamoo taasisuuf hojiin eegalamuu addeessaniiru.

Mootummaan abbootii qabeenyaa biyyoota alaaf dirree invastimantii mijeessuuf bu’uuraalee misoomaa garaagaraa ijaaruu akkasumas paarkiiwwan indaastirii qopheessuu ibsuusaanii ragaan Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.