Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan labsii kunuunsa fi wabii qabeenya beeyladaa Afrikaa akka ragga’u qooda baateef beekamtiin kennameef

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 5ffaan wixineen labsii eeggumsaa fi kunuunsa Beeyladootaa Afrikaa mirkaneessu akka ragga’u gahee adda durummaa taphatteef beekamtii argatteerti.
Yaa’ii eeggumsa naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti Afrikaan qabeenya beeyladaa qabdu kunuunsuu fi waaraan akka itti fayyadamtu wixineen murtoo Inshuraansii qabeenya beeyladaa qophaa’e akka ragga’u Ityoophiyaan akka deeggartu mariin gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.
Qabeenya beeyladaan Afrikaarraa adda duree kan taate Ityoophiyaan wixinicha akka deeggartu miseensonni jila Gamtaa Afrikaa daayreektara olaanaa Abbaa Taayitaa eeggumsa naannoo Dooktar Geetahuun Gaarradoo waliin mari’ataniiru.
Marichaan Ityoophiyaan wixinichi akka ragga’uu fi faayidaan Afrikaa akka eeggamu amanuun bara Faranjootaa Gurraandhala 28 – Bitooteessa 4, 2022tti yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffamerratti adda durummaan deeggaruu ishee ragaan Abbaa taayitichaarraa argame ni muul’isa.
Labsichi akka ragga’u ga’ee Ityoophiyaan taphatteef Gamtaa Afrikaatti Biiroon Qabeenya Beeyladaa, Abbaa Taayitaa Eegumsa naannoo fi Daayreektara olaanaa mana hojichaa Dooktar Geetahuun Gaarradoof beekkamtii laateera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.