Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan lubbuu ijoollee ishee wareeguun nageenya ollaa eegsisaa jirti –Ambaasaaddar reedwaan

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan nageenya fi badhaadhinaa biyyoota ollaaf hawwuu qofa osoo hin taane lubbuu ijoollee ishee wareeguun nageenya isaanii eegsisaa jirti jedhan Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen biyyoota bara haaraa Faranjootaa simataaniif ergaa hawwii gaarii wayita dabarsan, Ityoophiyaan waldhabdee biyyoota ollaa gidduutti uumame furuuf biyya halkaniif guyyaa hojjettuudha jedhan.
Rakkoon daangaa Ityoo -Sudaan waggoota 100 ol kan ture, bara mootootaa eegalee waliigalteen akka furamuuf komishiniin waloo fi koreewwan hundaa’uun sosochiiwwaan garaagaraa taasiifamaa turuu himsaniiru.
Yeroo ammaas rakkicha furuuf yeroo kamiiyyuu caalaa Ityoophiyaan murannoo qabdi jedhan.
Tibbana biyyoota michuu lamaan walitti buusuu fi waraana keessa galchuuf qaamoleen dhama’aa turan eenyu akka ta’an ifaadha jedhan.
Ibsa tibba darbe ambaasaaddar Diinaan Miidiyaaleef laatan hordofe Keeniyaa, Jiibuutii, Sudaan Kibbaa fi Soomaaliyaan nuun jedha jedhanii hin dhidhiphanne, Gibtsi garuu nuun jedhe jechuun sagalee dhageessisaa jiraachuu ambaasaaddar Reedwaan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.