Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan mallattoo Bilisummaa Afrikaati- Ministeera Alaa Ugaandaa

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Ambaasaaddar Alamtsahaay Masarat Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ugaandaa Jeejee Odoongoo waliin dhimmoota waloo fi naannawwaarratti mari’ataniiru.
 
Qaamoleen lameen dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu danda’anirratti marii taasiisaniiru jedhame.
 
Ambaasaaddar Alamtsahaay haala waqtaawaa naannoo Tigraay fi marii sadee hidha haaromsaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
 
Ityoophiyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uu isheen rakkoo Ityoophiyaa muudatu biyyoonni Afrikaa hundi xiyyeeffannoon dhimma ilaaluu qaban ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ugaandaa Jeejee Odoongoo ibsaniiru.
 
Giddugaltummaa fi dhiibbaan biyyoonni alaa dhimma keessoo Ityoophiyaa irratti taasiisan fudhatama kan hinqabne ta’uu Ministirichi kaasaniiru.
 
Mariin sadee hidha haaromsaa fi biyyoota yaa’a gadii kamiiyyuu karaa gamtaa Afrikaan qofaan furuun filannoo dhumaa ta’uu Ugaandaan ni amanti jechuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.