Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Prootokoolii maanguddoota Afrikaa raggaasiifte

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan chaartara mirga namootaa fi ummattootaa Prootokoolii maanguddoota Afrikaa fudhachuun raggaasiifteerti.
Prootookoolichi fedhii maanguddootaa ilaalchisee xiyyeeffannoo addaan hojiitti hiikuuf kan dandeessiisu mirgaa fi eeggumsa ilaalchisee tarkaanfii biyyoonni miseensaa fudhachuu qaban kan hammate ta’uu ibsameera.
Ityoophiyaan chaartara mirga namootaa fi ummattootaa Prootokoolii maanguddoota Afrikaa fudhachuun Labsii lakkoofsa 1182/ 2012 taasiifte raggaasisuun itti gaafatamummaan akka raawwachiisuuf Ministeera dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaaf dabarsuu ragaan Abbaa Alangaa Waliigalaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.