Fana: At a Speed of Life!

Itoophiyaan qabeenya uumamaan dhangi’amuushee bakkeewwan argisiisan keessaa tokko Godina Gofaati-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC) – Biyyi keenya Itoophiyaan qabeenya uumamaa garaagaraatiin dhangi’amuushee bakkeewwan nutti argisiisan keessaa tokko Godina Gofaati jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaniin akka ibsanitti, godinichi qabeenyaa hintuqamiin ofirra darbe naannicha misoomsuu danda’u qaba.

Heddumminni Tulluun Wayilaa of keessatti qabate biyya keenya Itoophiyaa kan argisiisuudha jedhaniiru.

Saliixii, maashoo, akurii atarii, xaafii fi muduraaleen qonnaan bultoonni Ganda Dooccoo Dambalaa oomishanis naannichi hammam uumamaan akka eebbifame kan mul’isanidha jechuun Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.