Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan qorannoo ummataa fi dhimmootaa misoomaa walqabatoo karoora ishee keessatti hammachiisuun hojiirra oolchaa jirti-Obbo Sandookaan Dabbabaa

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan qorannoo ummataa fi dhimmoota misoomaa walqabatoo karoora ishee keessatti hammachiisuun hojiirra oolchaa jiraachuu Ministeerri Pilaanii fi misoomaa beeksise.

Gabaasni qorannoo ummataa addunyaa 2023 Ityoophiyaatti ifoomeera.

Sagantichi mata duree “Lubbuu biiliyoona 8, filmaatawwaan dhuma hinqabne dhimma filannoo fi mirgaa” jedhuun qophaa’erratti kan ifoomeedha.

Saganticharratti Ministir Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Obbo Sandookaan Dabbabaan akka himanitti, Ityoophiyaan biyyoota addunyaa 14 keessaa biyyaa ummataa miiliyoona 100 ol qabdu keessaa ishee tokko.

Mootummaan carraalee baay’inaa ummataa dabalanii fi rakkoolee jiran kan hubatu ta’uu eeruun galmoota misooma karoora waggoota 10 ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 waliin akka walsimu taasisfameera jedhan.

Qorannoo Ummataa fi dhimmoota misoomaan walqabte karoora misoomaa biyyattii keessatti hammatamee hojiirra oolfamaa jiraachuu kaasaniiru.

Waa’ee qorannoo ummataa irratti mari’achuu qofa utuu hintaane namni kamuu, keessumaa fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Imaammata qorannoo ummataa fooyyessuu fi hojiilee biroo tumsitoota misoomaa waliin ta’uun hojiirra oolchaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.