Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan talaallii Covid – 19 miiliyoona 2.2 fudhatte

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2013 (FBC) –Ityoophiyaan talaallii Covid – 19 miiliyoona 2.2 gamtaa idil addunyaa ‘Koovaaksii’ jedhamurra fudhatte.

Talaalliin Covid – 19 jalqabaa har’a barii buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee qaqqabeera.

Talaalliin Covid – 19 jalqabaa har’a Ityoophiyaa ga’e kun ‘Astiraazeeniikaa’ kan jedhamuudha.

Ministeerri Fayyaa kutaa hawaasaa dursa argachuu qabaniif sadarkaa sadarkaan talaallicha laachuuf qophii duraa xummuruu ibsameera.

Sagantaan talaallichaa torbeewwan itti aanaan kan ifoomu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksiisuun isaan kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.