Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan tarree biyyoota teeknooloojiin balfarraa humna anniisaa maddisiisuun adda duree ta’an keessatti hammatamte

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan tarree biyyoota hojiilee teeknooloojiin balfarraa humna anniisaa maddisiisuun adda duree ta’an bara 2021 keessatti hammatamte.
Ityoophiyaan balfa gara humna anniisaatti jijjiiruu fi paarkii misooma magaalaa kalaqaan deeggarameen hojii hojjetteen biyyoota adda dureen eerraman keessatti hammatamuu ishee himameera.
Akka ragaan Fooramnii diinagdee addunyaa baase muul’isuutti Ityoophiyaa, Zimbaabuwee, Imireetoonni Araba gamtoomanii fi Eelsaalvaadoor yeroo jalqabaaf tarree kana keessattii hammatamaniiru.
Dhaabbileewwan bara kana filataman keessa % 30 dubartootaa kanneen hogganaman ta’uu himameera.
Ragaan bara kana ba’e akka agarsiisuutti Ameerikaan hojiilee haaraa hedduu hojjetteen adda duree ta’uu ishee himameera.
Hanqinaalee dhaabbilee Nageenya odeeffannoo, Teeknooloojii Roobootiiksii, Fayyaa fi Maallaqaa guutuuf hojiileen teeknooloojii Faayinaansii fi Misooma magariisaa ulaagaa duraa ta’uu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.