Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan ummata Afrikaa maraaf biyya Lammaffaadha – Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Seeneegaal

Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan ummata Afrikaa maraaf biyya Lammaffaa ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Seeneegaal haaraa ta’uun kan muudaman Mahammad Laamiin Tiyaawu eeraniiru.
Ambaasaaddarichi garagarcha xaalayaa muudama isaanii Ministeera Dhimma Alaatti itti aanaa dhimmoota Prootookoolii Ambaasaaddar Alamaayyoo Sawu’aganyiif dhiyeessaniiru.
Ityoophiyaan ummata Afrikaa maraaf biyya Lammaffaa ta’uu Ambaasaaddar Mahammad Laamiin Tiyaawu ibsaniiru.
Seeneegaal hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii cimsuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.
Turtii isaaniin hariiroo aadaa fi damee Turizimii biyyoota lamaan gidduu jiru babal’isuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaa fi seeneegaal hariiroo dippiloomaasii cimaa qabaachuu Amaasaaddar Alamaayyoon himaniiru.
Ummata biyyoota lamaanii caalmaatti fayyadamoo taasiisuuf damee hundaaan xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.