Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan walga’ii Mana Maree Mirgoota Namoomaa DhMG irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015(FBC)- Ityoophiyaan walga’ii Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 52ffaa Siwiizarlaand magaalaa Jeeneevaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Walga’icharratti dhaabbilee idil addunyaa Siwiizarlaand argamanitti ergamaan dhaabbii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tsaggaa’aab Kibabawu Ityoophiyaa bakka bu’uun hirmaachaa jiraachuu eerameera.

Ambaasaaddar Tsaggaa’aab guyyaa boruu walga’icharratti ergaa ni dabarsu jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Walga’ichi dhimmoota garaagaraarratti ni mari’ataan kan eegamu ta’uu ragaan miidiyaa hawaasummaa Jeeneevaatti ergamaa dhaabbii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.