Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan yaada murtoo Liigiin Arabaa HGHI irratti dabarse kan hin fudhanne ta’uu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015(FB)- Ityoophiyaan yaada murtoo Liigiin Arabaa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaarratti dabarse kan hin fudhanne ta’uu beeksisteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa FDRI dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, yaadni murtoo Yaa’ii Hoggantoota Liigii Arabaan dhiyeenya kana Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaarratti darbe Mootummaa Ityoophiyaa gaddisiisuu ibseera.

Murtichi gahee Gamtaa Afrikaafi biyyoota miseensa gamtichaa waldhabdeen dhimma hidhichaan walqabatu karaa nagaan akka hiikamuuf hojjechaa jiranii kan gadi buusu ta’uu addeesseera.

Yaadni murtichaa faallaa hariiroo Afrikaafi biyyoota Arabaa ta’uu yaadachiiseera.

Murtoon liigichaa yaada itti fayyadama haqa maleessa Ijipt Naayil irratti kaastu kan deeggaru ta’uus hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.