Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan yaa’ii Ce’umsa Inarjii Barliin 8ffaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan yaa’ii Ce’umsa Inarjii Barliin 8ffaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsame.

Yaa’icharratti Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan Ityoophiyaa baka bu’uun hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Yaa’icharratti Ministiroon Ministeera Bishaanii fi Inarjii biyyoota 50 qaamaan kanneen kaan ammoo gama viidiyoo konfiransiin  hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Afrikaarraa Ityoophiyaa dabalatee Ministiroonni Ministeera Bishaanii fi Inarjii biyyoota 10 hirmaachaa jiru.

Yaa’ichi mata duree “hawwiirraa gara hojii qabatamaatti” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Yaa’ichaan rakkoolee damichaan jiran haala hiikuun danda’amurratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera.

Dooktar Injinar Habtaamuun muuxannoo Ityoophiyaan damichaan qabdu irratti ibsa laataniiru.

Yaa’ichaan cinatti Ministiroota Ministeera Bishaanii fi Inarjii biyyoota garaagaraa waliin marii bu’aa qabeessa taasisuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.