Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Yaa’ii Invastimantii Waggaa idil addunyaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan Yaa’ii Invastimantii Waggaa Idil Addunyaa Abuudaabiitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Jilli Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabremasqal Caalaan durfamu Yaa’ii 12ffaa Invastimantii Waggaa Abuudaabiitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaan Yaa’ii idil addunyaa kanarratti hirmaachuun ishee guddina damichaaf carraa hedduu kan banu ta’uurra darbee muuxannoo daldalaa argachuuf kan gargaaru ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.