Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni 1,484 Saawdii Arabiyaa fi Kuwetii gara biyyaa deebi’uufi

Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni 1,484 Saawdii Arabiyaa fi Kuwetii gara biyyaa deebi’uufi.
 
Torbee kanaa fi torbee itti aanu keessa lammiileen kanneen gara biyyaa kan deebi’an ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksiseera.
 
Sababii weerara vaayrasii koroonaatin Ityoophiyaanonni biyyoota Baha Jiddugaleessaa jiran rakkoof saaxilamaa jiraachuu ministeerichi beeksiseera.
 
Lammiileen kanneen tumsaa fi qindoomina Ministeera Dhimma Alaa FDRI, Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa fi Ministeera Nageenyatiin gara biyyaa kan deebi’an.
 
Torbee kana Ityoophiyaanonni Saawdii Arabiyaatti mana hidhaa Diizaan keessa jiran 473 gara biyyaa ni deebifamu.
 
Torbee itti aanu keessa ammoo Ityoophiyaanonni 1011 Kuweetii ni deebi’u.
 
Torbee darbe lammiileen 656 Liibaanoos Beeruutii deebi’uun isaanii ni yaadatama.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.