Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni 323 marsaa lammaffaaf Liibaanoosi gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 23, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni 323 marsaa lammaffaaf guyyaa kaleessaa Liibaanoosi gara biyyaa deebi’an.

Lammiileen Ityoophiyaa kanneen biyyattiitti haala rakkisaa keessa kan turanidha.

Ministeerri Dhimma Alaa FDRI fi Ministeerri Nageenyaa qindoominaan hojjechuun lammiileen kanneen gara biyyaa akka deebi’an taasifameera.

Ityoophiyaattis tursa addaa keessa kan turan ta’a.

Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Tsiyoon Takluu, ministir deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Firee’aalam Shibaabbaaw, Ministir deettaan Ministeera dhimmoota dubartoota, daa’immanii fi dargaggoota aaddee Simaany Wubee akkasumaas hoggansi biroon Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun simannaa taasisaniifiru.

Kamisaa darbe Caamsaa 20, 2012 Ityoophiyaanota 333 baasii hunda uwwiisuun Libaanoosii garaa biyyaa akka deebi’aan taasifamuun ni yaadatama.

Kanneen dabalatee torbe kana lammiileen Ityoophiyaa gara biyyaa isaanii deebi’aan 656 ta’u himameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.