Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni Yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaan biyyasaanii cina dhaabbachuu qabu- Ambaasaaddar Dammituu Hambisaa

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Xaaliyaanii fi Giriik jiraatan sagantaa galii walitti qabuu gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota kanneen jiraatan deeggarsa  Raayyaa Ittisa Biyyaa fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif kan oolu sagantaa galii walitti qabuu bifa qindaa’aa ta’een eegaluu ibsaniiru.

Xaaliyaaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Dammituu Hambisaan saganitcharratti argamuun sochii taasifamaa jiruuf galateeffataniiru.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaan biyya isaanii cina dhaabbachuu akka qaban dhaamuu isaanii ragaan Waajjira Dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.