Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Noorweey jiraatan Dooktar Abiy deeggaruun Koree Badhaasa Nageenyaa Noobeeliif xalayaa galchan

Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC)- Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Noorweey jiraatan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad deeggaruun Koree Badhaasa Nageenyaa Noobeeliif xalayaa galchan.
 
Dhalattoonnii fi lammiileen Ityoophiyaa Noorweey jiraatan haala siyaasaa yeroorratti xiyyeeffachuun xalayaa deeggarsaa korichaaf galchaniiru.
 
Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa fi sanaan booda rakkoolee Ityoophiyaatti mudatanis ni balaaleffanna jedhan.
 
Mootummaan nagaa buusuuf sochii taasisaa jiru ni jajjabeessinaanis ibsaniiru.
 
Badhaasni Noobeelii Dooktar Abiyyiif laatame Ityoophiyaatti nagaa buusuuf hojii hojjetaniif kan laatameefidhas jedhaniiru.
 
Xalayichaan Dooktar Abiy guddinaa fi nageenya biyyaatif hojjechaa jiruunis ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.