Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan sirna barnootaa cimaa fi teeknooloojiin deeggarame akka jiraattuuf ni hojjetti. Dooktar Geetaahuun Makuriyaa

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan maallaqa damee barnootaaf ramaddu guddisuun sirna barnootaa cimaa fi teeknooloojiin deeggarame akka jiraattuuf ni hojjetti. Dooktar Geetaahuun Makuriyaa

Ministirri Barnoota Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa Ityoophiyaan maallaqa damee barnootaaf ramaddu guddisuun sirna barnootaa cimaa fi teeknooloojiin deeggarame akka jiraattuuf ni hojjetti jedhaniiru.

Yaa’iin barnootaa isil addunyaa jiru irratti Ministirri Barnoota Dooktar Injiinar geetaahuun Makuriyaa suur sagaleen hirmaachaa jiru.

Yaa’icha irratti biyyoonni damee barnootaaf baajata baasaan akka guddisanii fi sirna barnootaa cimaa fi teeknooloojiin deeggarame akka qabaatan gaafataniiru.

Ityoophiyaan maallaqa damee barnootaaf ramaddu guddisuun sirna barnootaa cimaa fi teeknooloojiin deeggarame ijaaruuf akka jirtu ibsaniiru.

Hoggantoonni biyyootaa, hoggantoonni hojii dhaabbata mootummoota gamtoomaanii, ministiroonni barnootaa fi qaamooleen dhimmi ilaallatu yaa’ichaan hirmaachaa jiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.