Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan namoota 109 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 109 irratti vaayrasiin koroonaa argamu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 2836 hojjetameera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 1172 ga’aniiru.

Namoonni 2 seenaa imala biyya alaa qabu .

Namoonni 13 namoota vaayrasichaan qabamaniin tuttuqqaa qabu.

Namoonni 94 ammoo tuttuqqaas ta’e seenaa imala alaa kan hin qabnedha.

Namoonni 99 magaalaa Finfinneedhaa.

Namoonni 2 naannoo Tigiraay.

Namoonni 3 naannoo Hararii.

Namoonni 5 naannoo Oromiyaa.

Koorniyaadhan dhiirri 61 yoo ta’an, dubartoonni 48.

Umriin isaanii waggaa 5 hanga 70 yoo ta’uu, hundi isaanii Ityoophiyanoota.

Namni haaraan 1 vaayrasicharra dandamataniiru.

Waliigalaan namnoonni 209 dandamataniiru.

Namoota 3 dhibichaan lubbuun darbee 1,naannoo Tigraay dubarti umrii waggaa 29, 2, jiraattuu magaalaa Finfinnee dubarti umri waggaa 75 fi naannoo kibbaatti jiraataa godina Kafaa dhiiraa umri waggaa 55 dhiheenya gara Finfinnee kan dhufe ta’u Ministeerri Fayyaa beeksise

Waliigala vaayrasichan lubbuun namoota 11 darbeera.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti argamuun ega ibsamee eegalee qorannaan samuudaa namoota 109,451 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.