Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namni vaayrasii koroonaatin qabame tokko argame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2012(FBC) – Ityoophiyaatti namni vaayrasii koroonaatin qabame tokko argame.
 
Qorannaa Ityoophiyaatti taasifameen lammiin Jaappaan tokko vaayrasii koroonaatin qabamuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.
 
Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa akka mirkaneessetti namichi kan ka’e Burkiinaa Faassootii yoo ta’u, gara Ityoophiyaa ega seenen booda kaleessa vaayrasichaan qabamuun isaa ibsameera.
 
Namichi dhibames Gurraandhala 25,2012 gara Ityoophiyaa kan seene.
 
Lammiin Jaappaan kun umriin isaa waggaa 48 yammuu ta’u, Boolee Caffaatti kophaatti fo’amee hordoffiin taasifamaafii jira.
 
Namoota namichaan walitti dhufeenya qabaniifis hordoffiin taasifamaafii jira.
 
Dhaabbileen ogeeyyiin fayyaa ramadamaniif, namoota dhibba 6 keessummeessuu danda’anis qophaa’aniiru jedhameera.
 
Namni shakkii vaayrasichaa qabu karaa bilbila bilisaa 8335 eeruu akka laatus gaafatameera.
 
Ummanni tuttuqqii harkaa, harka walqabachuu, bakka namni itti heddummaaturraa akka of qusatu, qulqullina harkaa akka eeggatu, harka hin dhiqamneen fuula, ijaa fi gurra akka hin tuttuqne Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.