Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,105 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 1,105 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 21,360 hojjetameen, namoota 1,105 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii18 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 846 darbeera.

Haaraan kan dandamata 416 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 19,903.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 54,409 qaqqabeera.

Namoonni 303 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.