Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 410 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 410 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 12 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 5503 f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 410 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 1021 dandamataniiru.

Namoonni 12670 yaalarratti argamu.

Namoonni 236 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 12 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 1,882 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 121,399 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.