Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 423 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 9, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 423 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun nama 1 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,788f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 423 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 102 dandamataniiru.

Namoonni 13,016 yaalarratti argamu.

Namoonni 225 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun nama 1 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,030 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 131,195 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.