Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 485 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessaa 16, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 485 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 7,045 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 485 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 93,343 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 701 dandamachuun ibsameera.

Namoonni 44,372 yaalarratti argamu.

Namoonni 339 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,426 qaqqabeera.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 4 fi kuma 44 fi 542 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.