Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 488 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Qorannoo Laboraatorii sa’aa 24 darbeettin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 488 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 5866 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 488 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 95,789 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 960dandamachuun ibsameera.

Namoonni 42,610 yaalarratti argamu.

Namoonni 327 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 keessatti lubbuun namoota 7darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,464 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.