Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 805 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 10 darbe

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Gabaasa idilee qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 805 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namootaa 9,786 hojjetameen vaayrasichi namoota 805 irratti argamuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Namoonni haaraan 78 dhibichaarraa yoo dandamatan,

Waliigala namoonni 6763 vaayrasicharraa dandmataniiru.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irratti argamu namoota 9587, yoo ta’u, namoonni 134 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Hanga ammaatti waliigala lubbuun namoota 263 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala namootaa 413,397f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.

Waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 16,615 ga’eera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.