Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaa (COVID-19) qabaman 3 dabalatan argamuuu Ministeerri Fayyaa beeksise

Finfinnee, Bitootessa 20, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaa (COVID-19) qabaman 3 dabalatan argamuuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Ibsa Ministeerri Fayyaa har’a baaseen Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaatti sa’aatii 24 keessaatti qorannoo labiraatoorii namoota 87 taasifameen namoonni sadi dabalataan vaayrasichaan qabamanii argamuu beeksiseera.

Kanumaan walqabatee akka waliigalaatti biyya keenyatti namoonni vaayrasichaan qabaman lakkoofsaan 19 ga’eera.

Dhukkubsattuun jalqabaa lammii Ityoophiyaa umurii 26 yoo tatu, Bitootessa 8, 2012 Beeljiyeem magaalaa Biraasalsi akkasumaas Bitootessa 10, 2012 gara Kaameroon kan imalte ta’uun dhukkubsattuun kun mallattooleen dhibicha irratti muldhachuun gara buufata fayyaa adeemuun qorannoo taasifteetti.

Dhaabbatichis Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaaf gabaasa taasisuun qorannoo labiraatoorii taasifameen Bitootessa 19, 2012 vaayrasichaan qabamuun ishee mirkanaa’eera.

Dhukkubsaata lammaffaa fi sadaffaan ammoo lammii Ityoophiyaa jiraattoota magaalaa Adaamaa fi miseensaa maatii tokkoo yoommuu ta’an nama umrii 14 fi 48 dha.

Namoonni kunneen mallattoolee dhibee vaayraasi koroonaa agarsiisuu baatanille nama vaayraasichaan qabamee waliin walitti dhufeenyaa wan qabaniif adda bafamanii ilalaama turan.

Bitooteessa 19, 2012 qorannoo laaboraatoori taasifameefiin vaayrasichaan qabamuu mirkanaa’eera

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.