Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 21 ga’aniiru

Finfinnee, Bitootessa 20, 2012 (FBC) -Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 21 ga’aniiru.
 
Ityoophiyaatti namni vaayrasichaan lubbuusaa dhabe amma ammaatti hin jiru.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan akka beeksisanitti namoonni vaayrasichaan qabaman dhiira waggaa 38 fi dubartii waggaa 35, jiraattota magaalaa Finfinneeti.
 
Namoonni lamaanuu gara Duubaay imalanii kan turan yammuu ta’u, qorannaa taasifameefin vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Yeroo ammaatti namoonni 17 tursa addaa keessa kan jiran yammuu ta’u, 1f ammoo wallaansi hordoffii cimaan taasifamaa jira.
 
Namoonni vaayrasichaan qabaman 2 gara biyya isaaniitti deebi’uun ibsamuun ni yaadatama.
 
Kanaan dura kan ibsameen ala 1 kan dandamate yammuu ta’u, waliigalaan namoonni lama dandamataniiru.
 
Yaata’uutii of eeggannoof jecha hordoffiin wallaansa addaa taasifamaafii jira.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.