Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota dabalataa 88 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Fifninnee, Caamsaa 16, 2012 (FBC) –– Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 88 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 4,048 qoratameera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 582 qaqqabeera.

Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaan waggaa 8 hanga 75 yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira 51 fi dubartoota 37.

Namoonni 13 ammoo seenaa imala alaa qabu.

Namni 55 ammoo tuttuqaas seenaa imalaas hin qaban.

Namoonni tuttuqqi qaban 20.

Namoonni 73 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an,namoonni 8 ammoo naannoo Tigraay,namoonni 4 naannoo Oromiyaa yoo ta’an, 2 seenaa imaala kan qabne fi 2 ammoo seenaa imalaa alaa kan qabaniidha.

Namoonni kunneenis jiraattoota magaloota Amboo, Buraayyu, Sandaafaa fi Mojoodha.

namni 1 naannoo Haraariiti.

Namoonni 2 Konkolaachiftoota daangaa ce’aanidha.

Namni haaraan 1 dhibicharraa dandamataniiru.

waliigala namoonni vaayrasicharra dandamatan 152.

Ityoophiyaatti waliigala namoota 81,010 qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.