Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota karaa seeraan alaa galan to’achuuf hojjetama jira

Finfinnee, Caamsaa 23, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf namoota karaa seeraan alaa Ityoophiyaa galaan to’achuuf caasaan nageenyaa hojii ijoo godhee hojjeeta jiraachuu Waajjirri Prees Sakreetarii Muummee Ministiraa ibseera.

Biyyoota ollaa Ityoophiyaatti tamsa’inni vaayrasii koroonaa yeroodha gara yerootti dabalaa jira.

Kana irratti hudaa’uun lammiilee Ityoophiyaa biyyoota kanneen jiraatan gara biyyaa deebi’aaniif daangaa naannooleerratti tursiisa addaa qophaa’ee keessatti hordooffi taasisaa jiru.

Yeroo dhiyoo as faallaa kanaan lammiileen kara seeraan alaa miillaan imaluun gara Ityoophiyaa seenaa jiraan heeddumataniiru kan jedhuu yaannii ka’aa jira.

Ittigaafatamaan Waajjira Prees Sakreetarii Muummee MInistiraa obbo Nugusuu Xilaahuun, caasaa nageenya qofaan bu’aan waan hin argamneef lammiileen naannoo daangaa jiraataan shooraa isaanii akka ba’aniif waamichaa dhiyeessaaniru.

Dabalataaniis koreen haalaa naannoolee yeroo yeroon hordoofuun deebii keennuu hundaa’uun gara hojii seenuu dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.