Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti sirni diimookiraasii akka dagaaguu hirmaannaan lammiilee murteessadha – Dooktar Abiy

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti sirni diimookiraasii akka dagaaguu hirmaannaan lammiilee murteessaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Biyya keenyatti sirni dimokratawaa akka dhalatu hirmaannaan lammiilee dammaqina qabu daraan murteessaadha jedhan.
Keessaattuu yeroo filannoo lammiileen karaalee addaddaatiin hirmaannaasaanii mirkaneessuu danda’u.
Kaardii fudhatanii karaa nagaa filachuurra darbanii adeemsi filannichaa ifaa fi amanamaa akka ta’u karaa waldaalee siiviikiitiin ga’ee isaanii akka gumaachan ni eeggama jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
Fakkeenyaaf waan gama kaardii kennuutiin jiru, duula nafiladhaa ilaalchisee akkasumas adeemsa sagalee kennurratti too’annoo ni taasisu.
Kana malees humnoota nageenyaa waliin ta’uudhaan walitti bu’insa filannoo duraa fi booda mudachuu danda’an hambisuuf lammiileen ga’ee gita hin qabne akka qaban dagatamuu hin qabu jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.