Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti tamsa’inni weerara vaayrasii koroonaa sadarkaa yaadeessarra jiraachuu himame

Finfinnee, Adoolessa 9, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa sadarkaa yaadessarra gahuu Boordiin Qorannoo labsii yeroo ariifachiisaa beeksiseera.

Walitti qabaan boordii qorannichaa obbo Pheexroos Waldasanbat, turtii Faanaa Brookaasiiting Korpooret waliin taasisaniin, gama dargaggootaan of dagannaa cimaan muul’ata jira jedhaniiru.

Gama weerara vaayrasichaa ittisutiinis kutaaleen hawaasa birattiis of dagannaa fi of eeggannoon dagatamuu himaniiru.

Dagannaa kun gatii guddaa akka hin kaffalchiifnees mootummaan tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatuuf yaada gorsaa dhiyeessuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa kanas mootummaan  barnoota kennu cimsee itti fufuun gara tarkaanfiwwan seeraa fudhachuutti yeroo itti galuurra gahuus dubbataniiru.

Qamoolee raawwachiistun to’annoo cimaa akka taasisaan obbo Pheexroos dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.