Fana: At a Speed of Life!

Jaak Maan marsaa 2ffaaf Afrikaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012(FBC) –Dureessi Chaayinaa Jaak Maan meeshaalee weerara Vaayrasii koroonaa ittisuuf oolu Afrikaaf deeggarsa taasisuu beeksise.

Hundeessaa fi abbaan qabeenyaa Faawundeeshinii Aliibaabaa Jaak Maan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf marsaa 2ffaaf deeggarsa kana taasisuu isaa beeksiseera.

Durreesichi marsaa kanaan biyyoota Afrikaa 54f meeshaalee hargansuu(Veentileetara) 500,Uffata ogeeyyii fayyaa fi haguuggii fuulaa kuma dhibba 2, Teermoomeetira kuma 2, meeshaa qorannoo dhibichaa miiliyoona 1 fi haguuggii harkaa kuma dhibba 5 arjoomuu isaa fuula miidiyaa hawaasummaan ifoomseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.