Fana: At a Speed of Life!

Jaak Maan vaayrasii koroonaa ittisuuf meeshaalee yaalaa biyyoota Afrikaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Hundeessaan dhaabbata Aliibaabaa Jaak Maan meeshaalee vaayrasii koroonaa ittisuuf oolan biyyoota Afrikaaf deeggarsa taasisaniiru.

Jaak Maan biyyoota Afrikaa 54f meeshaalee kanneen deeggarsa taasisuu fuula twiitarii isaaniin ibsaniiru.

Haaluma kanaan tokkoon tokkoo biyyoota kanneeniif meeshaalee qorannoo kuma 20, haguugduu afaanii fi funyaanii kuma 100 fi uffata ogeeyyii yaalaa kuma 1 deeggarsa taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsi kunis gama Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa biroof kan rabsamu ta’uu ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.